Asirratti wanti hubatamuu qabu shaa'ii kan jedhamu bishaanii fi sukkaara utuu hin taane baala/wantoota bullaa'oo diima/magariisa itti daballu sana
FAAYIDAALEE
1.Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir'isa.
2.Dhukkuboota dulluma keessa dhufan tokko tokko kanneen akka Alzheimer's disease fi Parkinson's disease ni ittisa.
3.Fayyaa Tiruu keenyaaf baayyee fayyada.
4.Miira mukaa'uu (depression) fi si'aa'ina dhabuu ni ittisa
5.Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma.
6.Carraa Kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir'isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka Kaanserii Tiruu fi Mar'imaanitiin qabamuu gadi buusa.
7.Carraa dhibee Sukkaaraan (T2DM) qabamuu ni hir'isa.
8.Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha.
9.Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara.
MIIDHAA(Yoo baayyate)
1 Hirriba nama dhoorkuu
2 garmalee nama si'eessuun boqonnaa fi xiyyeeffannaa nama dhorkuu
3 Xuuxamuu nyaataa hir'isuu
4 garaan bokokuu(keessattuu yoo aannan waliin dhugame)
5 Mataa dhukkubbii
YOOM DHUGAAMA??
1 Shaa'iin nyaataa waliin dhugamuu hin qabu.
Kunis sababni isaa Shaa'iin keemikaala Tannin jedhamu of keessaa waan qabuuf kun immoo xuuxamuu fi bullaa'uu nyaataa irratti dhiibbaa qaba. Kanaaf nyaannee booda erga sa'aa 2-3 turree yoo dhugne bareedaadha.
2 qorichoota hir'ina dhiigaatii kennaman waliin fudhatamuu hin qabu
3 Aannanii waliin fudhatamuu hin qabu. Kunis keemikaalli isaan lamaan keessa jiru walnyaachuun garaa nama bokoksu.
4 Dubartoonni ulfa humna ol shaaii fudhachuu hin qaban.
5 Shaa'iin kan dhugamu yeroo qorraa utuu hin tahin yeroo hoo'aati. Kanas kan taasisu shaa'iin hoo'a keessoo qaama ol kaasuun dafqi akka nurraa bahu taasisa.sana booda qaamni keenya ni qorra/qabbanaa'a. Kanaaf shaa'iin Hoo'a buusuuf male qorra namarraa hin baasu.
Akka dhaabbanni "Guideline" nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan ( average) namni ga'eessi tokko shaa'ii shinii 3-4(700ml) akka dhugan gorfama.
Horaa, bulaa! deebanaa!
0 Comments