Bubuqqa'uu rifeensa mataa (Alopecia) maaltu fiduu danda'aa? Sababoota gara garaatiin kan ka'e rifeensi dabbasaa keenya ni bubuqqa'a. Sababoonni kunneen maal maal akka ta'an guutuu isaa wajjumaan haa dubbisnu!
2. Sirni dhukkuba qaama keenyarraa ittisu ykn maadinummaan (Immunity) keenya nutti deebi’uun rifeensa nurraa buqqisuu danda'a (Alopecia
areata’)
3. Miidhama rifeensa mataa irra ga’uun (fkn:- ho’a guddaa, keemikaalota garagaraa dibachuu, humnaan harkifamuu/micciiramuu rifeensa mataa).
4. Mallattoolee dhukkuba biraa keessaa tokko ta'ee mul'achuu danda'a (fkn:- Dhibee xannacha, Taayirooyidii, hir’ina Pirootiinii fi Aayiranii).
5. Miidhaa qoricha fudhatamu biraan dhufu (drug side effects), kanneen akka qorichoota farra kaanserii.
6. Dhalootaan kan namaaf kenname, yeroo umuriin dabalaa adeemu (dhiiraaf) rifeensi mataa haphachaa fi dhumaa adeemuu.
fayyaan keenya egeree keenyaaf!
fayyaa hin dhabinaa!
©Dr. Gurmeessaa Inkoosaatiin
1 Comments
Baayyee dansaadha galatoomaa!
ReplyDelete