Walqunnamtii Saalaa Bareedaa Raawwachuuf qabxiiwwan armaan gaditti eeraman kanneen obsaan dubbisaa!
"Namni bultii ijaarrate kamuu jireenya walqunnamtii saalaa bareedaa dabarsuu barbaada. Walqunnamtii saalaa bushessuus ta'ee bareessun iddoo nuti walqunnamtii saalaatiif qabu, gochootuma nuti goonu irratti hundaa'a. Qabxiiwwan armaan gadii kunniin walqunnamtii saalaa bareeda akka qabaannuuf nu fayyadu."
√Of barsiisuu : Of barsiisun wantootaa walqunnamtii saalatiin wal qabatan waliin ta'uun hordofuudha. Waan akka barreeffamaa, viidiyoo waliin ilaaluu. Poosishiiniiwwaan qaama keenyaaf mijatu tolfachuu. Haala jireenya fi fayyaa keenyaa waliin wal simatuun raawwachuu. Waan gaaffii karaa walqunnamtii saalaa sammuutti nutti dhufu kamuu sakatta'anii baruun walqunnamtii saalaatif of qopheessun murteessadha.
√ Yeroo waliif kennuu : Bultii keessatti hojii, ijoollee faana goruun yeroon waliin dabarsan ni xiqqaata. Kun immoo sirna walqunnamtii saalaa waan miidhuf yeroo itti yaadanii waliif kennuun barbaachisaadha. Ijoolleef jecha kutaan itti waa'ee jaalalaa, walqunnamtii saalaa itti haasawaan yoo hin mijannerree iddoo fi yeroo kennanii mari'achuun gaaridha.
√ Jaalala walii eeguu : Yeroo inni hojii oolee dhufe fuula gaarin simachuu, haammachuu, dhungachuun yeruma hunda dhaabbachuu hin qabu. Ishiinis ala hojjatti taanan akkanumatti simatamuu qabdi. Yoo inni dhugee machaa'ee dhufe irree jaalalaan simachuu, dhungachuun hafuu hin qabu.
√Wal tuttiqqii uumuu : Namni bultii ijaarraannaan wal tuqiitii tokko malee gara raawwachuutti lixa. Kun immoo waan nuffisiisuuf wal qaqqabachuun gaaridha. Yoo xiqqaate daqiiqaa 20f sirbas yaa ta'uu dhaggeeffachaa harka fi arrabaan qaamarra wal deemun gaaridha.
✓Iddoo garaa garaatti raawwachuu : Akkuma beekamu namni wal fuudhe baay'een sireen ala bakka biraatti hin raawwatu. Ta'us garuu gaafa nuuf danda'ame bakka biraattis osoo raawwannee heedduu namatti tola. Lafa, teessoo, soofaa, konkolaataa fi waanuma raawwachuuf tolu argannaan osoo achittis yaallee baay'ee mi'aawa. Mana qofa osoo hin taane gaafin kan akka Hoteelattis wal fudhannee deemnee raawwachuun gaaridha.
√Waa'ee sex odeessuu : Oduun waa'ee walqunnamtii saalaa walitti odeessuun baay'ee namatti tola. Ishiinis, innis waan walqunnamtii saalatiin wal qabatu kan hiriyoota isaanirraa dhaga'an walitti odeessuun gaaridha. Kuni iftoomina waan dabaluuf wal amantaa ni cimsa. Lachuu waan akkasii kaasanii odeessuun ammam lachuu akka kajeelan mul'isa.
√ Sochii qaamaa : Sochiin qaamaa keessattuu mudhii gaditti (kegel exercise) adeemsifamu walqunnamtii saalaatiif baay'ee murteessadha. Maashawwan naannoo qaama saalaa waan jabeessaniif raawwii keenya cimsu
√Bashannanuu : Jireenya keessatti warri bashannanaan jireenya walqunnamtii saalaa isaanis bareedadha. Namni bashannanu rakkoo nafsaalli ka'uu diduu, dafee dhangalaasuf hin saaxilamu. Dubartiin bashannantus fedhii walqunnamtii saalaa ni horatti, qaamni saalaa ishiis sirnaan dhangala'aa maddisiisti, dhukkubbiin yeroo raawwatamus itti hin dhaga'amu.
©egeree.blogspot.com
0 Comments