Bishaan ga'aa dhuguun hedduu barbaachisaadha! Barbaachisummaa isaaf guutuu isaa dubbisaa!

BISHAAN GA'AA DHUGUU!!!

Bishaan dhuguun qaama keenyaaf hedduu murteessaadha! kanaaf bishaan sirritti dhuguun nu barbaachisa!

● Bishaan nama tokkoof guyyaatti barbaachisu haga kana jechuun rakkisaadha. Sababni isaas, haala qilleensaa (ho'aa fi qorraa), haala hojii (hojii cimaa nama dafqisiisu fi hojii salphaa) fi kkf irratti hundaa'ee wal caala waan ta'eef. Haa ta'u malee namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan litira 2 haga 3 akka dhugu ni gorfama. 

● Bishaan kan dhuguu qabnu osoo qaamni keenya "dheebodhe" jedhee nutti hin himiin ta'u qaba. Kana gochuun ammoo faayidaalee armaan gadii kana qaba!

*****************

1. Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba.

2. Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa.

3. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara.

4. Mataa dhukkubbii dandeettii dhorkuu qaba. 


FAYYAAN KEENYA EGEREE KEENYAAF!

FAYYAAN ISIN FAANA  HAA TURU!

 Dr Gurmeessaa Inkoosaatiin!

Post a Comment

0 Comments