Burtukaana soorachuun maaliif nu fayyada?

 #Neutrition #Orange #Burtukaana

Burtukanni soorata akkaan qaamni keenya barbaadu keessaa isa tokkoodha. Bu'aan inni nuuf kennu mee maal fa'i? 

Faayidaa isaa:

1. Soorata vitamin C'n badhaadhe dha, Vitamin C'n ammoo madaan akka fayyu, guddina qaamaaf fi sirna maadiinummaaf barbaachisa.

2. Jabina lafee fi ilkaan keenyaaf ni gargaara, kunis qabiyyee kaalsiyeemii (calcium) guddaa waan of keessaa qabuu fi dha .

3. Daakamuu soorataaf illee ni gargaara, kunis qabiyyee faayiberii (fiber) ol'aanaa qabaachuu isaa irraan kan ka'eedha.

4. Hanga sukkaara dhiiga keenya keessaa ni to'ata. Waldaan Dhukkuba Sukkaaraa Ameerikaa (American Diabetics Association) burtukaana "diabetic superfoods" ykn "soorata dhukkubsattoota sukkaaraaf hedduu tolu" jedhaa waama.

5. Kalee keenya irratti carraa uumamuu cirrachaa (kidney  stone) gadi buusa, qorannoo University of Texas, biyya ameerikaatti hojjatame tokkos kana deggara.

6. Hangi seelii dhiiga diimaa qaama keenya keessaa akka dabalu ykn gadi hin buune taasisa, qabiyyee folate jedhamu kan seelota kana hojjuuf oolu qaba.

7. Dhiibbaa dhiigaa olka'aa gadi buusuuf ga'ee qaba.

FAYYAAN KEENYA EGEREE KEENYAAF!

FAYYAA TA'AA!

Dr. Gurmeessaa inkoosaatirraa!



Post a Comment

0 Comments