Faayidaa Ocholoonii(Loowuziin) nyaachuun fayyaa keenyaaf qabu hagam takka beektu?

 Faayidaa Ocholoonii(Loowuziin) Fayyaa keenyaaf qabu

Ocholooniin ykn loowuziin Gosa nyaataa bakka hedduutti argamuuf gosa garaagaraan argamudha.
Ocholoonii(Loowuziin) elementoota , vaayitaminoota,faayibarootaafi mineraalota hedduu kanneen Fayyaa keenyaaf barbaachisan kanneen akka niacin, fooleetii, maangaanizii, vaayitamin E , tiyaamiinii , koopperii, maaginiziyeemii, Foosforasii , baayootiinii fi kkf of keessaa qaba.
Faayidaa akkamii Fayyaa keenyaaf kenna?
1. Fayyaa Onnee keenyaaf gaaridha. Faayiberoonniif elementoonni isa keessa jiran amma kolestiroolii hamaa qaama keenya keessaa waan gadi buusuuf Fayya onnee keenyaaf gaariidha
2. Dhibee istirookii fi itituu dhiigaa nurraa ittisa
3. Cirracha hadhooftuu nurraa dhoorkuu keessatti gahee guddaa qaba. Akka beekamu cirrachi haadhooftuu hedduminaan sababa heddummaachuu kolestirooliin dhufa. Loowuziin kolestiroolii gadi buusuu keessatti gahee guddaa qaba.
4. Ulfaatina qaamaa madalaawaa the qabaachuu akkasumas hir’isuu keessatti gahee guddaa qaba.
5. Kaanserii garaachaa hir’isuu keessatti gahee guddaa qaba
6. Dhibee sukkaaraa Gosa lammaffaa nurraa dhorkuu keessatti gahee guddaa qaba
Hub: Ocholooniin bifa garaagaraan akaawamees tahe bifa dhadhaan ni dhiyaata. Ocholoonii dheedhuun nyaatamu sirriitti gogsanii ykn bilcheessanii nyaachuun gaariidha. Waqtii Bonaa summiin aflatoxin jedhamu ocholooni balleesuu dandaha. Kunimmoo dhibee tiruu fiduu dandaha. 
Dr Naafyaad Geetuutiin!


Post a Comment

0 Comments