Ilkaan keenyaaf eeggannoo akkkamiitu barbaachisa?

 Eeggannoo Ilkaan keenyaaf godhamuu qaban!!

Ilkaan keenya faaya bareeda waaqni uumamaan nuuf kenneedha. Akkamitti faaya uumamaa kana haa eeggannu? walumaan haa dubbisnu guutuu isaaf...

1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).


2. Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.


3. Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama, waanta ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.

4. Waantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay'ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.



Post a Comment

0 Comments