waa irraanfachuun maalirraa dhufuu danda'a?

 Rakkina "waa Irraanfachuu ykn dagachuu (forgetfulness) maaltu fiduu malaa?

Waa irraanfachuun amala guyyaa guyyatti nu muudataa ooluudha. Akka waa irraanfannu wantoonni nu godhan kunneen maaliidha? 

Rakkinoota waa irraanfachuuf nu saaxilan:

1. Umurii: akkuma umuriin gara dullumaatti dhiyaachaa deemun seelonni sammuu keenyaa hedduun isaanii duha waan deemaniif hammi isaanii hir'achuun rakkoo Irraanfachuuf nu saaxilan. 

2. Alkoolii: alkoolii baayinaan dhuguunis seelonni sammuu keenya akka hammaan xiqqaatan godha. 

3. Dhipina ykn stress: keessumatti ijoollee mana barumsaa sadarkaa olaanaa jiran tensionin dubbisu yoo tahe isuma kanan dura dubbisanillee nii dagatu. 

4: Dhibee sukkaaraa.

5: Hirriba dhabuu: namni tokko yoo xiqqaate guyyaatti sahaa 6 haga 8 rafuu qaba. Ta'uu baannaan miidhaalee inni geessisu keessaa tokko dhibee waa hirraanfachuu kanadha. 

6. Hanqina hormoonii taayiroodii jedhamu kan qaama keenya keessatti argamu. Kunis Yeroo baayyee namoota ucubaa mormaa qaban irrati nii muldhata.

7. Qorichootni nuti fayyadamnu tokko tokkos rakkoo kanaaf nu saaxilu. 

********************

Maaltu fala ta'aa?

1. Nyaatawwan madaalamaa kanneen baayinaan vitaminaa fi carbohydreetii qaban soorachuu.

2. Bishaan baayinaan dhuguu.

3. Hirriba gahaa rafuu.

4. Nyaata coomaaf zayita baayinaan qaban hir'isuu.

5. Alkoolii yoo kan dhugan ta'e, baayinaan dhuguu dhiisuu.

6. Dhugaatiwwan mi'aawaaa saamsamoo tahan baayinaan fayyadamuu dhiisuu.

7. Tamboo aarsuu dhiisuu.

********************

Fayyaan keenya egeree keenyaaf!

©Dr Nafyad Geetuu irraa



Post a Comment

0 Comments