Dhukkubbii ilkaanii (Toothache) kan jedhamu maaliidha?
Dhukkubbiin ilkaani namoota heddu biratti kan baratameefi hoggaa nama dhukkubu dhukkubbii hedduu ulfaataafi nama rakkisuudha. Garuu dursinee wantoota dhukkuba ilkaanii kanaaf nu saaxiluu danda'an beeknee eeggachuun gahee hunda keenyaati!
KA'UMSA
● Nyaatamuu ilkaanii (dental caries).
● Caccabuu ilkaanii ( broken teeth).
● Infekshinii irga ilkaanii.
● Infeekshinii ilkaanii.
● Ilkaan lallaafe (dhibamee ykn buqqa'uuf jedhee).
● Halkan rafanii, osoo hin beekiin humnaa ol ilkaan walitti ciniinuu.
● Nyaatni ilkaan keessa seenee hafuu.
● Ilkaanota namtolchee ykn waantoota ilkaan keessatti mana yaalaa guutaman fi bakkaa sosochoo'uu isaanii.
● Rukkuttaa (trauma) addaa addaa.
****************
FURMAATA
● Mataa olqabachuu: mataa ofii olqabatanii taa'uun hagi dhiigaa onnee irraa gara mataa deemu akka xiqqaatu taasisa. Kun ammoo haga tokki dhukkubbiin ilkaanii akka hir'atu taasisa.
● Bishaan ashaboon ilkaan dhiqachuu: kunis ashaboon uumamaan amala farra baakteeriyaa waan qabuuf.
● Qorichoota ajaja haakimaa malee akkasumaan mana qorichaa irraa bitaman, keessumaa ibuprofen yeroo gabaabaaf fudhachuu.
● Haala armaan oliin dhukkubbii ofirraa dhorkaa mana yaalaa deemanii furmaata waaraa barbaadudha.
©Dr Gurmeessaa Inkoosaa
credit: DR Gurmessaa |
1 Comments
Interesting
ReplyDelete