Ka'uumsa foolii afaanii badaafi karaawwan ittiin ittisuu dandeenyu.

 FOOLII AFAANII BADAA

********

KA'UMSA:

1. GOGUU AFAANII: Hancufni afaan keenya keessatti oomishamu afaan foolii gaarii akka qabatuuf gahee guddaa taphata. Kanas kan godhu asidii baakteriyootaan uumamu callabbeesuufi seelota du’an afaan keessaa dhiqee baasuudhaan. Afaan kan goguu danda’u sababa adda addaa kanneen akka side effect qorichoota dhukkuba biraaf fudhatamanii ( antihistamines, diuretics and others), yeroo dheeraaf funyaaniin dhiisanii afaaniin harganuu, dhuukkuba xannacha hancufaa fi kan biraa ta’uu danda’a.

2. QULQULLINA AFAAN KEENYAA: guyyaa guyyaatti qulqullina afaan keenyaa eeggachuu yoo baanne nyaatni afaan keenya keessatti hafu ilkaan gidduu fi harraba irratti yeroo muraasaa booda baakteeriyaa horuudhaan foolii afaanii badaa kenna.

3. DHUKKUBOOTA IRGA ILKAANII fi OORII ILKAANII: Keemikaalota baakteriyaa irraa gadi dhiifamaniin yoo ilkaaniif irgi ilkaanii miidhamanidha. Keemikaalotni baakteriyoota kana irraa gadi lakkifaman ilkaaniifi foon ilkaanii irratti bolla uumuun yoo yaalamuu baatan ittuma fufanii kan miidhaa geessisanii fi qulqulleessuu qofaan kan hin dhaabbannedha.

4. DHUKKUBOOTA QAAMA KEESSAA: kanneen akka, infekshinii qaama hargansuu ( pneumonia, bronchitis), infekshinii saaynasii (sinusitis), toonsilii (tonsillitis), fi kkf.

5. TAMBOO: tamboo xuuxuu (smoking tobacco)

****************

FURMAATA: 

Inni jalqabaa ilkaan keenya akkamitti akka qulqulleeffachuu qabnu beekuudha.

1. Guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate altakkaa ilkaan keenya samunaa ilkaaniitiin qulqulleeffachuu qabna. Ganama ganama osoo hin taane galgala galagala osoo qulqulleeffannee gaariidha nyaatni guyyaa nyaatame halkan akka keessa hin bulle jechuudha.

2. Yeroo qulqulleeffannu brush nuti yeroo bay’ee itti fayyadamnu ilkaan irra keessa qulqulleessa malee ilkaan gidduu waan hin seenneef, fo’aa ykn kirrii qal’oo harka keenya lamaaniin gamaaf gamana ishii qabannee ilkaan gidduudhaa nyaata ittiin baasuu qabna.

3. Harraba keenya irraas qulqulleeffachuu dagachuu hin qabnu

4. Brush ittiin ilkaan qulqulleeffannu yoo xiqqaate ji’a lama keessatti altakkaa jijjiiruu qabna.

5. Afaan keenya akka hin gogne mastiikaa (gum) kan sukkaara of keessaa hin qabne alanfataa deemuu.

6. Yoo side effect ( miidhaa cinaa) qorichoota dhukkuba biraaf kennamaniitu fide ta’e osoo deemnee ogeessa fayyaa jalqaba qoricha sana nuuf ajaje hin haasofsiin qoricha addaan kutuun gonkuma sirrii miti.

7. Yoo kana hundumaa irraan ta’uu dide ammoo mana yaalaa deemnee laalamuun gaariidha. 

***************

Fayyaan Faaya

©Dr Gurmeessaa Inkoosaa!






Post a Comment

0 Comments