Asheeta boqqolloo hoggaa nyaannu maal maal irraa arganna?

ASHEETA BOQQOLLOO

Akkuma beektan hedduun keenya asheeta boqqolloo waddinee ni nyaanna, haa ta'uu garuu faayidaa isaa hagam takka beektu?

1. Nyaata irraa hafaa (fiber) hedduu waan ofkeessaa qabuuf sirna bullaa'iinsa soorata si'eessa, gogiinsa garaas ni dhorka.

2. Hir'ina dhiigaa akka nu uin mudanneef ga'ee guddaa taphata. Kunis elemntii ayrenii seelii dhiigaa hojjechuuf gargaaru hedduu waan of keessaa qabuufi.

3. Dhibee mar'umaanii kan diverticular disease jedhamu kan dhukkubbii hamaa fi miidhaa guddaa nurraan ga'u ni sirriitti hir'isa.

4.Qabiyyee carotinoid jedhaman kan fayyaa ija keenyaaf hedduu gargaaran baay'ee of keessaa qaba.

5. Annisa carbohydrate xaxamaa (complex) ta'e waan ofkeessaa qabuuf daddafee waan hin xuuxamneef takkaa yoo nyaatame yeroo dheeraaf annisaa kennaa tura.

6. Keemikaalota antioxidants jedhaman kanneen free radical qaama keenya miidhan fi kansaroora tokko tokko fidu jedhamanii shakkaman qaama keessaa hir'isan of keessaa qaba.

© Maxxansa Dr Gurmeessaa Inkoosaa irraa fudhatame.

Fayyaan Faaya! Fayyaa hin dhabinaa!

Post a Comment

0 Comments