Boo'uun faayidaa ni qaba moo hin qabu? Deebii isaa banaa dubbisaa!

 Boo'uun faayidaa qabaa?


Namni gaafa garaa haadhasaa keessaa ba'u jalqaba ni boo'a. Akka tasaa mucaan akkuma dhalateen yoo hin boonye ta'e fayyummaan isaa shakkisiisaa ta'a. 

Yoo waa gaddines ni boonya. Kan yoo waa gammadu boo'us nama yaraa miti. Akka qorannoowwan jedhanitti dubartoonni giddugaleessaan ji'atti al 3 dhiironni immoo al 2 ni boo'u. Maalumaafuu boo'uun miidhaamoo faayidaa qabaa? Faayidaalee qaamni keenya boo'uu irraa argatu keessaa:

1ffaa: Keemikaalota qaama keenya dhiphisan fudhatee ba'a. Keessumaa inni waa dhiphannee ykn gaddinee boonyu keemikaalota stress hormone jedhaman fudhatee ba'a. 

2ffaa: Dhukkubbiin qaamaa akka nurraa hir'atu taasisa. Dhukkubbii qofaa osoo hin taane aarii qaama keenya keessaa illee ni hir'isa. 

3ffaa: Daa'imni gaafa dhalattu boo'uu akka hargansuun jalqabuuf baay'ee gargaara. Kana malees daa'imni akka rafaniif illee ni fayyada.

4ffaa: Mallattoo gargaarsa gaafachuu nama kamiifuu kan umurii, saala, aadaa, amantii, adda hin baasiin erga dabarsudha.

Post a Comment

0 Comments