Fayyaa Marsaa Laguu dubartootaa:
Marsaan laguu dubartootarratti uumamaan giddu galeessaan waggaa 12-14 irraa jalqabee kan mul'atu hoggaa ta'u, miira dhukkubbii of keessaa kan qabuudha!
1. Laguun yoo walitti aansee guyyoota 90 oliif hin dhufiin hafe (osoo hin ulfaayin jechuudha)
2. Laguun dhufee yoo guyyaa 7 ol isinirra ture.
3. Marsaa laguuf sa'atii lama keessatti menustrion pad (moodesii) lamaa ol yoo barabaachise(humnaa ol dhiigni yaa'a yoo ta'e).
4. Laguun dhufee erga deemee guyyoota 21 gaditti yoo kan deebi'ee dhufu ta'e (daddaafee dhufaa jira jechuudha).
5. Laguun dhufee erga deemee guyya 35 turee kan deebi'a yoo ta'e.
6. Marsaan laguu tokko dhufee kan biraan haga dhufutti gidduutti yoo dhiiguun jiraate.
7. Yeroo marsaa laguu dhukkubbiin humnaa olii kan hojii guyyaa guyya irraa isin dhorku yoo isinitti ta'e.
8. Yeroo marsaa laguu irraa jiran yoo dhagna gubaa (fever) cimaa qabaattaniifii kanaafi amaloota kanneen biroo dura hin beekne yoo argitan mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun gaariidha!
Fayyaan keenya egeree keenyaaf
Dr. Gurmeessaa Inkoosaatiin
0 Comments