Hir'ina viitaminii A: Mallattoo hanqina viitaminii A Fi furmaata hanqina viitaminii A!

 Hir’ina vaayitaamin A: mallattoo fi furmaata! deficiency of vitamin A.

akkuma beektan viitaminoota gosa gara garaatu jira. Hunduu qaama keenyaaf gahee guddaa qabu. Akkuma gahee guddaa qaban, yoo sirnaan hin argannu ta'e hanqinoota dhukkuba vitamin irraa nu qabaniif saaxil bayuu dandeenya. kanaaf jennee hamma humni keenya nuuf haayyameen soorataa viitaminii qabu haa fayyadamnuu. Hanqinoota kanneen keessaa kan vitamin A wajjiin haa ilaalluu mee!



MALLATTOO

■ Iji ofii halkan arguu dhabuu.

■ Iji ofii imimmaan dhabee goguu.

■ Qaamni ofii dhukkuba ittisuu dadhabuun infekshinoota adda addaan amma ammaa qabamuu.

■ Gogaa irratti mallattoon adda addaa ba'uu

■ Lafeen seeraan guddachuu dadhabuu.

****************

KA'UMSA

■ Sooratawwan vaayitaminii kanaan badhaadhoo ta’an nyaachuu dhabuu.

■ Dhukkuboota addaa addaa, kanneen xuuxama soorataa hir'isan

■ Hir'ina nyaataa kanneen biraa akka hir'ina pirootiinii fi ayirenii illee hir'ina viitamin A ni fidu.

FURMAATA:

■ Nyaatonni vaayitaamin A dhaan badhaadhoo ta’an soorachuu (Kaarota, dinnicha mi'ooftuu, hanqaaquu, fuduraalee fi muduraalee halluu keelloo fi burtukaanaa qaban, fudduraalee baalatti baat'atan akka salaaxaa fi raafuu)

■ Mana yaalaa deemuun vaayitaminii kana bifa qorichaan fudhachuu. Keessumaa daa'imman vaayitamina kana argachuu qabu.

© Maddi Dr Gurmeessaa Inkoosaa

Fayyaan keenya egeree keenyaaf!

Post a Comment

0 Comments