Qaamota dubartoota keessa kan qalbii dhiirotaa harkisan hagam beektu? Ogeeyyiin xiinsammuu hoo maal jedhu? Walumaan haa dubbisnuu guutuu isaaf!

 Akka beektonni xiinsammuu jedhanitti, qaamota shamarranii keessaa sadarkaa sadarkaadhaan 1ffaa haga 10ffaatti kan nama harkisan!(attractive organs kan ta'an)

###########################

1. IJA (EYE👀). Inni kun eeboo yokaan xiyyadha. Ni waraana, ni ajjeesa, ni injifata. Maarree gooftaa dhiiraati jechuun ni danda’ama

2. TEESSUMA (BUTTS). Kun homaa gaaffii hin qabu. Dhiirri akka dubara dudduuba ishii sagal dhoksee ilaalu ni beekna.

3.GUNTUTA (BREAST). Harmi yoo dhaabatu guddatee yoo bareeduu… wellistootni keenya illee akkam akka nama harkisu ni beeku. Ishii guntutni gaafa jibichaa fakkaatu qabdu jedhu..

4. HIDHII (LIPS) Kun yoo guutuu ta’ee fi hammaan giddu galeessa ta’e jallatamaa ta’a. Garuu qalama baay’ee ciccimaa fi fagotti mul’atu yoo itti diban mul’isuuf malee harkisuuf ga’ee hin qabu.

5. SEEQUUMSA ISHII (SMILES). Kuun namoonni hedduu kan beekanii fi kan irratti walii galan kan hedduu nama harkisuudha.

6. TAAFAA (HIP) kun kara cinaan kan mullatu malee isa dudduubaan argamu san miti. Yoo bal’aa fi curved ta’e dhiironni ni filatu jedha researchiin adda addaa.

7. RIFEENSA. Dhiironni riifensa dheeraa jaallatan akkuma jiran kuun ammoo gabaabaa mammaramaa jaallatu. Garuu inni guddaan rifeensaaf bakka guddaa qabu.

8. GARAA (MUDHII). Kana yeroo hedduu sirboonni aadaa keenyaa yoo durbaaf weellisan qalloo mudhii soonsaa… kan mudhiin qabaa hin guunne… fi kkn jedhu ni beekna.

9. DUGDA. Dhiironni hedduun osoo ofirratti hin beekiin dugda gadi dhooqaa yokaan (curved) baay’ee jaallatu.

10. KORMEE MIILAA. Kun jaalaala yokaan dhiira harkisuu keessatti gahee guddaa waan hin taphanne fakkaata garuu miti sirriitti gahee qaba.

Fayyaan Faaya

©Maxxansa Dr Gurmeessaa Inkoosaa irraa fudhatame.



Post a Comment

0 Comments