AMALOOTA NAMOOTA MO'ATOO TORBA!The most beautiful seven winners attitude!
-----------------------------_--------_----+-+++++++
✓.Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan nama biraa arguu danda'u. Hir'inaa isaaniirratti malee hir'ina namaa irratti hin xiyyeeffatan. Waan qabanii fi waan danda'anirratti xiyyeeffatu.
✓.Namoota (hiriyyoota) gaarii ta'an naannoo isaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fi ilaalchaan waltumsuu danda'an of biraa qabu.
✓Abdii hin kutani. Yoo kufan ka'uu akka danda'an beeku.For more information
✓ Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama'an, akka barumsa argatanitti yaadu.
✓Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi'an. Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha, namoonni mo'atoon ni murteessu.
✓Waa'ee doggoggora darbee deddeebi'anii yaadanii of hin dhiphisan, garuu irraa baratu.
✓Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni dhiphinni, rakkiinni irra ga'u waan isaan miidhe caalaa waan miidhama sana keessaa argatan yaadu.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~`~~~~~`
Mo'atoo isin haa taasisu rabbi! God will make you a winner!
@aohdtblogspot
©️ Dr. Gurmessaa Inkoosaatiin kan barreeffame!
0 Comments