Today's motivational quotes. (Hamma geessu kan beeku si qofa) you know yourself who you're!

 Hamma Geessu Kan Beeku Si Qofa.


Ga'umsa dhokataa keessa kee jirutti amani. Waan keessa kee jiru namoonni arguu dhiisuu malu. Alli kee fi keessi kee wal irraa fagaachuu danda'u. Namoonni tilmaama baay'ee xiqqaa siif qabaachuu danda'u. Eenyummaa kee isa sirii arguu dhabuu irraan kan ka'e afaan isaanii guutanii, "ati hin dandeessu!" siin jechuu malu. Haa jedhan! Jecha isaanii cinaatti dhiisii kutannoodhaan hojjedhu. Danda'ii akka dandeessu warra hin dandeessu siin jedhanitti agarsiisi. Ga'umsa keessa kee jiru erga itti amantee booda gad dhiisi. Waan keessa kee jiru sana gad baasii ittiin hojjedhu. Hin nuffin, hin dadhabinis. Ciniinnadhuu hojjedhu. Lafa karaan hin jirre keessa karaa barbaadi. Yeroo baay'ee wantootni karaa hin fakkaane hedduun karaadha. Kanaafuu, karaan hin jiru jettee of amansiiftee mammarattee hin taa'in. Kutannodhaan hojjettee waan kamuu milkeessuu dandeessa. Mo'ichaaf, milkaa'inaaf, fiixaan ba'umsaaf uumamteetta. Guddinni kee kan safaramu ykn madaalamu haala ati alaan keessa jirtu kanaan miti; ga'umsa dhokataa ati of keessaa qabdu qofaan madaalama. Hamma geessu kan beektu si qofa. Namoonni naannoo kee jiran, maatii fi fironni kee, hiriyoonni sitti dhiyaatan, barsiisonni kee, namoonni ati isaaniif hojjettu, hawaasni naannoo kee ...hunduu eenyummaa kee isa sirrii hin beekan; tilmaamuu qofa danda'u. 

Dubbii namoonni tilmaama qofa irraa ka'uun dubbataniif iddoo kennuun kaayyoo kee irraa gara booddeetti si deebisa. Si caalaa kan si beeku hin jiru! Bakka namoonni itti si tilmaaman caalaa fagoo fagoo ga'uu dandeessa. 

Maaltu beeka? Waan guddaan si keessa jiru kan ati of keessatti beektu kan namoonni immoo arguu hin danda'in waan addunyaa kana jijjiiru ta'uu mala. 

Maaltu beeka? Xiqqoon har'a harka kee irra jirtu kun bor guddattee galaa addunyaa kanaa taati. Maaltu beeka? Har'a xiyyeeffannoo namootaa dhabdus bor guca milkaa'inaa guutummaa addunyaa irraa ifu harkatti qabachuuf jirta. Kanaafuu, abjuu keetti abdii hin kutiin. Waan xiqqoof jettees abjuu kee hin gurguratin. Waan guddaatti aggaami.

Fayyaa hin dhabinaa!

©Maxxansi kun kan Dr Gurmeessaa Inkoosaati!

Post a Comment

0 Comments