Ciree nyaachuun faayidaan isaa maaliidha? Guutuu isaa dubbisaa!

FAAYIDAALEE CIREE NYAACHUU:



Ciree nyaachun nyaata guyyaa keessatti yeroo kamuu nyaannuu caalaa filatamaadha. Ciree nyaachuun faayidaa fayyaa qaama keenyaaf qabu keessaa muraasni:-
1. Hojii, barnootaafi dalagaa kamuu irratti si'aa'ina fi
xiyyeeffannaa akka qabaannu nu taasisa.
2. Ulfaatina madaalawaa (garmalee guddaa ykn xiqqaa hin
taane) akka qabaannu taasisa.
3. Rakkoo jiru, kan jiruu fi jireenya keenya keessatti nu
muudatuu akka salphaatti akka furru nu gargaara.
4. Hamma sukkaara dhiiga keessaa madaalawaa akka ta'u ni
taasisa.
5. Fayyummaa sammuu keenyaaf hedduu gargaara
6. Dandeettii waa yaadachuu fi kakka'umsa akka qabaannu
nama taasisa.
7. Fayyummaa onnee keenyaaf gaaridha.
8. Sirna walnyaatinsa meetabolizimii qaama keenyaa ni
fooyyessa.
9. Carraa dhibee sukkaaraa gosa/gartuu 2ffaan qabamuu ni
hir'isa.
10. Nyaanni yeroo ciree nyaattaman baay'een isaanii
dhangaalee nyaataa fayyaa qaama keenyaaf hedduu
barbaachisaan kanneen akka vaayitaminoota, albuudota fi
'nutrients' garagaraan kan badhaadhaniidha.
Kun osoo akkanatti jiruu namni hedduu garuu sababa
garagaraatiif yeroo ciree yoo dabarsu ni muldhata, fknf:-
*Ulfaatina hir'isuuf
*Dafnee hir'ibaa ka'uu dhiisuu/yeroon hojii nutti barfachuu
*Wanti nyaatamu mana yoo kan hin jiraanne ta'e
Furmaata rakkoolee kanaa....
*Ciree dabarsuun ulfaatina hin hir'isuu, hinumaayyuu
ulfaatina garmaleef nama saaxila
*Galgala yeroon rafuun ganama yeroon ka'uu ciree
nyaachuuf qofa osoo hin taane faayidaa biroo of danda'e
hedduu qabaa, ganamaan ka'uu bartee godhachuu
*Wanta ciree keenyaaf nuuf ta'u ganama yeroon ykn
galgala akka humna keenyatti qopheefannee bulu qabna.
Oolmaa gaarii!
Fayyaan keenya egeree keenyaaf!!
©Dr Chala Didha


Post a Comment

0 Comments