Jaalalli maal irraa ka'ee nu qabuu danda'a? Sababoota jaalalli ittiin nu qabuu danda'u keessaa muraasa akka armaan gadiitti isiniif qaaccessinee jirra guutuu isaa dubbisaa!

Sababoota Namni 
Jaalalaan Qabamuuf:


① Walitti Dhiyeenya: Bakka hojii, mana jireenyaa, mana barumsaa fi kkf erga yeroo dheeraaf waliin nama oolchee booda, walyaaduutu dhufa, walii yaaduutu itti fufa, sana booda onneetu walitti kufa.

② Wal Fakkeenya : Amala, akkataa yaaduu, ilaalchaa fi mul'ata walfakkaataa qabaachuu. "Haadha manaaf abbaa manaa laga tokkoo waraaban" jedhama.

③ Deebisanii Jaallachuu: Kun ammoo ergaa isheen isa jaalattee ykn inni ishee jaalatee booda isa deebisanii jaalatan sani. Erga na jaalattee anis kan keeti, homtuu sirraa adda nan baasu kan jedhan sani.

④ Amala ykn Bifa : Kuni immoo "ija isheetu onnee na gaalaafate, rifeensa isheetu garaa na nyaate, ijaan seentee onneen na baate ", Amalas ta'uu danda'a "Amala fi qalbiisaa irraa hafuun dadhabe, Kabaja inni namaaf qabu ilaaleen gaggabe..... " kan jedhaman san.

⑤ Hir'ina Waliif Guutuu : Fedhii hin guutamiin ishee yoo guuteef isa jaallachuun ishee hin oolu, isheenis yoo guutteef inni jaalachuunsaa hin oolu. "Utuu inni hin jiru ta'ee bineensatu na nyaata ture" jetti.... "Utuu isheen naaf hin qaqqabnee yoona qofummaa na gaalafate lubbuun hin jiru" jedha innis!

⑥ Dhiibbaa Hawaasummaa : Kan maatiin ykn hawaasni naannoo sammuu namaa keessa kaa'an jechuudha. Ilmi abbaan isaa "intala magaalaa kan waa hunda beektu, asiin seentee achiin baatu, Intala baadiyyaa, kan naamusa fi qalbiin kuulamtee, kan aadaadhaan guutamte, kan safuudhaan guddatte fuudhuutu nama gammachiisa " kan jedhamaa guddate harka isheetti kufuun isaa hin oolu.

Maddi: telegram channel @garritube

Post a Comment

0 Comments