Mammaaksa Oromoo (Oromo proverbs)

Mammaaksota Afaan Oromo keessaa muraasa isaanii kan iddoo gara garaatii walitti abuurree kana dubbisuun dandeetti Afoola Afaan Oromo dura qabdan caalmatti gabbifadhaa!



. .Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu.
. Fiigee fiigee kormi sangaa ta'a.
. Fooliin gaariin kannisa harkisa.

. Sissiiquun geeraruuf.
. Abbaanuu hin gallee, fardaaf booyyanni.
. Bara quufaa lukkuutu dhuufa.
. Iji Raachaa fi iji Naachaa bishaan keessatti wal arga
. Lagaatu walitti yaa'a malee garaan walittii hin yaa'u.
. Gadheen niitii, dhiirsa hamatti.
. Yoon ani du'e margi hin margin jette harreen.
. Ofiifu ni duutii maaf of huuti.
. Foontu fooniif rifata.
. Naatu beekaan beekkumsa hin taatu.
. Akka kufanii hin cabani.
. Bittaa wallaalanii gabaa komatu.
. Fardi badaan farda balleessa.
. Harmaatu lama malee aannan tokkichuma.
. Badiin saree gaafa duute.
. Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu.
. Akka beekan bulan
. Lukuun abbaanis qabu, bineensis qabu iyya hin dhiistu


©Egeree

Post a Comment

2 Comments