Qaamni saalaa dhiiraa yoo maal ta'e ka'uu dadhaba? Rakkinnoota akka qaamni saalaa dhiiraa hin kaane godhaniifi furmaata isaaf guutuu isaa dubbisaa!

RAKKO KA'UU DADHABUU QAAMA SAALAA DHIIRAA:
suuraa: qurunfudii!


Kana Jechuun yeroo dhiirri tokko walqunnamtii saalaa godhuuf jedhutti qaamni saalaa (penis) isaa yoo ka'uu dide ykn ka'us humna dhabuun yoo deebi'ee ciisedha.
Rakkoon kun irra deddeebiin mul'annaan dhiirota irratti rakkoo akka
1.Ofitti amanuu dadhabuu
2.Walqunnamtii saalaaf fedha dhabuu
3.Dhiphachuu irratti fiduu danda'a.
Rakkoo kanaaf wantoota nu saaxilan:
✍Dhukkuba onnee
✍Dhukkuba sukkaaraa
✍Dhiibbaan dhiigaa dabaluu
✍Kolosteroolii qaama kenya
kessaa dabaluu
✍Furdina qaama
✍Tamboo xuuxuu
✍Hir'ina testeestroonii
✍Alkoolii bay'isanii dhuguu fi qorichoota qaama namaa hadoochan fudhachuudha
✍Qorichoota gara gara fkn. anti hypertensive etc.
Akkamiin furuu dandeenya
👉Tamboo xuuxuu dhiisuu
👉Sochii qaamaa gochuu
👉Walitti dhufenya hiriyaas ta'ee haadha manaa wajjiin qaban cimsuu fi yoo rakkoon jiraate furmaata ittii laachuu
👉Ulfaatina qaama keenyaa hir'isuu
👉Qorichoota qaama nama hadoochan fudhachuu dhiisuu
🙏Yoom haakima bira deemne ilaalamuu qabna
1.rakkoo ka'uu dhiisuu qaama saalaa dhiira abbicha fi hiriyaa isaa nu dhiphisuu jalqabee
2.dhukkuboota kana waliin walqabatan kan akka dhibee sukkaaraa fi onnee yoo qabaanne
3.mallattoolee dabalataa yoo jiraatan gara mana yaalaa deemne qorannoo taasisuun barbaachisadha.
🙏Furmaata manatti yaalun danda'amu
👉Namonni rakkina ka'uu dadhabuu qaama saalaa fi Fedhiin dafee isin irraa bahuun isin rakkise qurunfudii/Qurunfuli fayyadamaa
Qurunfudii haala 2n fayyadamuu dandeenna
✍ Daakuu qurunfudii fi
✍ Zeyta Qurunfudii
👉Daakuu qurunfudii fal'aana shaayii walakka 1/2 fi damma fal'aana shaayii 1(tokko) itti dabala fayyadamaa eega waa nyattan booda
Zeyta qurunfudii yoo tahe immo fal'aana shaayii walakka 1/2 Qaama saalaatti dibadhaa.
maxxansa fuula Dr Mohammed Kedir irraa fudhatame.

egeree

Post a Comment

1 Comments