QORICHA/DAWAA KAMUU...
1. Hanga ajajamerra dabarsitaniis tahee hanqistanii hin fudhatinaa.
☞ yoo irra darbe miidhaaf nama saaxila.keessattuu tiruu fi kalee ni miidha.
☞yoo xiqqaate/hanqistanii fudhattan,baakteeriyaa ykn jarmii fudhatameef sana hin ajjeesu ykn gahaa hin tahu.
2. Yeroo isaa eegaatii fudhadhaa.
3. Mallattooleen dhukkubaa waan badaniif,waan fayyitan seetanii dawaa addaan kutuu hin qabdan.
☞qorichi jalqaba gaafa fudhatamu baakteeriyaa ajjeesa.☞achi booda qaama keessaa qulqulleessa.☞achi booda akka baakteeriyaan ykn jarmiin sun diddaa/resistance hin uumnee taasisa.
yoo dafnee adda kunne yeroo itti aanu baakteeriyaan sun dandeettii qoricha ofirraa qolachuu ykn dhorkuu horata.
4. Qorichi/Dawaan kan ajajame si qofaafi.nama biraa waliin qooddachaa hin fayyadamin.umrii fi danddeettii/akkaataa/fayyummaa qaama namaa irratti hundaahuu hangaa fi gosti qorichaa wal dhaba.
☞kan ijoollee garaa kaasuuf kennamuu fi kan nama guddaa tokko miti
☞kanumti garaa kaasaa kunuu, nama guddaa utuu taheeyyuu kan nama tiruun ykn kaleen isaa nagaa qabduu fi kan hin qabnee tokko miti.
☞dubartii ulfaa fi kan ulfa hin tahiniis tokkoo miti.
5. Ajaja ogeessa fayyaatin ala qoricha hin fudhatinaa
6. Erga dawaa/qoricha fudhachuu jalqabdanii mallattoon addaa yoo isin qunname dafaa ogeessa fayyaa beeksisaa.
☞Qaamni keenya nama tokko tokko irratti alerjiiy/ allergy waan qorichi irraa hojjatamee sana waan qabuuf humnaa ol fudhachuun alattillee darbee darbee ni mul'ata.
7. Dawaa/Qoricha yeroon irra darbee fi mallattoo badiinsaa agarsiise hin fudhatin.
8. Dawaan kamuu haguuggii isaa waliin bakka ifa aduu fi jiidhinsa hin qabne taa'uu qaba.
9. Qorichi kamuu bakka daa'imman hin geenye kaa'amuu qaba.
10. Utuu qoricha fudhachaa jirtanii ulfaa'uu yoo barbaaddan dursaati ogeessa fayyaa beeksisaa.
11. Qorichi kamuu alkoolii fi qoricha aadaa waliin wal hin fudhatu.
credit: Dr Gadoo
0 Comments