"Qoricha guyyaatti alsadii fudhadhaa" jechuun "ganama - guyyaa fi galgala fudhaa" JECHUU MITI!
Qoricha yoo fudhannu DOGOGGORA uumamuu hin qabne saddeet (8):
1. Baay’ina ykn hanga qoricha fudhatamuu qabuu fi yeroo isaa sirriitti eeguun fudhachuudha. Fakkeenyaaf qoricha guyyaatti si’a sadii fudhatamu akka namaaf galuuf jecha yeroo baay’ee: - ganama, guyyaa fi galgala akka fudhatamu jedhama. Garuu sa’atii 24 keessatti sa’atii saddeet saddeetiin (8) fudhatamuudha qaba! Qoricha guyyaatti alsadii akka fudhannuuf nuuf kenname kana, ganama sa’aa 12:00, guyyaa sa’aa 8:00 irrattii fi halkan sa’aa 4:00 irratti fudhachuun haala sirrii ta’edha.
2. Qoricha fudhachuu eegallee yoo mallattoon dhukkubaa nutti fooyya’e, waan fayyine nutti fakkaatee qoricha sana addaan kutuun dogoggora guddaadha. Qoricha eegallee yeroo muraasa keessatti mallattoon nurraa dhaabbatus, haga guyyaa jedhamee mara seeraan fudhatanii fixuun dorqama. Qoricha yoo addaan kutnu, dhukkubni sun yoo lammata nu qabate carraan qoricha sanaan yaalame fayyuu isaa gadi bu’aa ta’a, jechuunis dhukkubni sun qoricha sanaan walbara jechuudha.
3. Qorichi guyyaa ajajameef fudhatamee yoo irraa hafe, lafa namnii fi bineensi ga’uu hin dandeenyetti gatuu, yokaan ammoo boolla qotnee awwaaluun dirqama. Qoricha yeroo tokko dhukkuba tokkoof kenname olkaa’anii yeroo biraaf fayyadamuun tasuma sirrii miti. Kunis qorichi sun mana keessatti yeroon itti darbuu fi akkasumas yoo haalli qilleensaa mijachuu baate illee waan summaa’uu maluufidha.
4. Waa’ee qoricha kennamuu hubannaa ga’aa argachuu; kunis miidhaa inni namarraan ga’uu danda’u gaafa ogeessi fayyaa nutti himu haalaan qalbeeffachuu. Yoo waan nuuf hin galle jiraatee haalaan gafannee hubachuun mirga keenya waan ta’eef gaafachuu dha.
5. Yeroo dogoggoraan qorichi ajajame sun baay’inaan fudhatamu, gara mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaatiin ilaalamuu. Akkuma armaan olitti ibsinetti qorichi yoo baay’isnee haga barbaachisuu ol fudhanne summii waan ta’uuf hatattamaan mana yaalaa deemnee yaala ga’aa fudhachuu qabna jechuudha.
6. Qoricha maatii keessaa nama tokkoof ajajame namni biraan akka hin fudhanne yookiis akka irraa hin qooddanne gochuun dirqama. Mallattoon dhukkubaas tarii yoo kan walfakkaatu ta’e mana yaalaa deemuun qoratamnee qoricha nuuf ta’u fudhachuudha malee, qoricha maatii keessaa nama tokkoof kenname fayyadamuun tasumaa balaa guddaa akka qaqqabsiisu beekuun barbaachisaadha.
7. Qoricha bakka hin barbaachifnetti fudhachuu dhiisuu dha. Fakkeenyaaf qoricha bifa waraansaan kennamu, mana yaalaatti deddeebi’anii waraanachuu dhiisaanii namoota naannoo jiran irraa muuxannoo qofaan waraananiin fudhachuu balaa hamaaf nama saaxila.
8. Gorsa addaa waa’ee qoricha sanaan walqabatee kennamu hunda qalbeeffachuu! Fakkeenyaaf, nyaatas ta’e dhugaatii akkasumas qoricha biraa qoricha sanaa wajjin fudhatamuu hin qabne fudhachuu dhiisuu fi kkf dha!!
**************
Fayyaan Faaya
egeree
1 Comments
Gorsa keessaniif ulfaadhaa
ReplyDelete