Yeroo malee xummuru walqunnamtii saalaafi maloota ittiin tursiisuu dandeenyu( dhiirotaaf)

https://egeree.blogspot.com/2020/12/yeroo-malee-xummuru-walqunnamtii.html YEROO MALEE XUMURUU WAL QUNNAMTII SAALAA (Premature ejaculation)



(Dhimma kana namoonni hedduun karaa keessa baayyinaan waan nu gaafataniif hamma danda'ameen bifa barreeffamaan isiniif qaaccessinee jirra)

 ✓Hiika garaa garaa qabaatus kan ogeeyyiin baay'een irratti waliigalan "Wal qunnamtii saalaa eeegalanii daqiiqaa tokkoo fi isaa gaditti dhangalaasuu (xumuruu)" kan jedhuudha.

*Namoonni baay'een wal qunnamtii saalaa daqiiqaa 4-8 keessatti xumuru.

®-Saala lameenuu miidhus, irra caalaatti dhiirota irratti muldhata.


MAALTU FIDA (what's the Causee?)

¢-Maalirraa akka dhufu sirritti beekamuu baatus kanneen armaan gadii nama saaxiluu danda'u:

-ofiin of gammachiisuu(masturbation) baay'isuu

-sodaa guddaa wal qunnamtii saalaaf qabaachuu

-Muuxannoo wal qunnamtii saalaa qabaachuu dhiisuu( lack of sexual experience)

-Uumamaan narviin namaa saaxilamuu (nerve sensitivity)


AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNA?( How we can recover from it)?

-yeroo wal qunnamtii saalaa yaada keenya waan biraa irra gochuu (distraction). Yeroo saalqunnamtii gaggeessinu yaadaa isarra garagalfachuun ulfaatus irra dedddeebi'anii yaaluu.

-Yeroo miirri keenya fiixee irra ga'u baasuu (withdrawal) fi takka turanii deebisuu

-Kondomii fayyadamuu( using condom)

-Irra deddeebi'anii wal qunnamtii saalaa raawwachuu( frequently)

-Sodaa fi dhiphina keessa galuu dhiisuu( stop fear and emotion)


MANA YAALAA YOOM DEEMUU QABNA?When we can go to the health center?)

-Tarkanfiiwwan armaan olittti caqafaman raawwannee yoo furmaata dhabne

-Gorsaa fi yaala xinsammuu ogeessaan kennamu ni jira.

-Akkasumas qorichoonni yaalii kanaaf kennaman ni jiru.

-Yoo humnaa ol ta'e hanga baqaqsanii yaaluu (surgery) salphaa rawwachuu gahuu danda'a.

For more daily health tips

Fayyaan keenya egeree keenyaaf!

©Dr Naahom Giruumtiin

Post a Comment

6 Comments